





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abuu bakirah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e: "Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an>> nan jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii: inni kun isa ajjeese, kan ajjeefame immoo maaliifi? ni jedhan: "dhugumatti innis saahiba isaa ajjeesuuf bololaadha ture".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni lama haala lameen isaaniituu saahiba isaa balleessuuf yaadaaa ta'een yoo seyfii isaan lameenitiin wal qunnaman; inni ajjeese sababaa ajjeechaa saahiba isaa kallattiin raawwateef ibidda keessatti ta'aadha himan, Kan ajjeefame immoo akkamitti ibidda keessatti ta'a jechuun sahaabota dhibe? innis waan saahiba isaa ajjeesuu yaadaa tureef jecha ibidda keessatti akka ta'u Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himan, ajjeesuu irraa homaa isa hin dhoorgine inni ajjeese daddafee isa dursuu isaa malee.
Umar ilama Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofatu isaaf jira".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin hunduu madaalli isaa niyyaadhaan akka ta'e ibsani, murtoon kun gabbartiis ta'ee walitti dhufeenya nama waliin taasifnuu fi hojii hunda keessatti murtoo walii galaati, namni hojii isaatiin bu'aa wohii fedhe bu'attii sana malee hin argatu, mindaanis isaaaf hin jiru, namni hojii isaatiin Rabbitti dhihaachuu fedhe hojii isaa irraa mindaa fi gatii argata osoma hojii Aadeeffatamaa, akka nyaataa fi dhugaatii ta'eellee. Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".
Al-BukhariSahaabaan tokko -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara waan isa fayyadu tokkootti akka isa qajeelchan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barbaadee jennaan, isaanis dallanuu dhabuutti isa ajajani, akkas jechuun sababoowwan gara dallaansuutti isa geessan irraa fagaachuu jechuudha, akkasumas yeroo dallansuun isa mudatetti lubbuu isaa to'achuudha, ajjeechaadhaan yookaan rukuttaadhaan yookaan arrabsuu fi waan sana fakkaatan raawwachuun dallansuu isaa keessatti hafuu hin qabu. gurbichi dhaamsa barbaaduu yeroo hedduu irra deddeebi'e, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "Hin dallanin" jechuu malee hoomaa isaaf hin daballe.
Umar ilma khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e: "Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti".
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- Dhimmoota amantii fi duuniyaa keessatti bu'aa barbaaduu fi miidhaa deemsisuuf Rabbiin irratti akka hirkannu nu kakaasani, waan -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Isa malee kan kennuu fi kan dhoorguu, akkasumas kan miidhuu fi kan fayyadu hin jirreef jecha. Akkasumas sababoowwan bu'aa fidduu fi miidhaa deebistu hojjachuudha, dhugaan Rabbirratti hirkachuu waliin, yeroo sana hojjannetti Rabbiin akkuma allaattii ganama beelaan baatee, eegasii immoo galgala garaa guuttattee deebituuti, hojiin allaattii kun gosa tokko kan sababoowwan rizqii barbaaduu irraa ta'eedha, hirkannaa sobaatii fi hifannaan maletti.
Abuu Hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isarraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessan keessatti ni jedhe (Rabbiin): "Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebisee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'es- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiin isa qabu isaaf jiru beeke, waan feete hojjadhu dhugumatti siif dhiiseen jira".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii isaanii irraa odeessani: Gabrichi yoo badii ballleessee eegasii: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi jedhe: Rabbiin ol ta'es ni jedha: gabrichi koo badii hojjatee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee isa sattaree irra isaaf darbu yookaan isa irratti adabu jiru beekee jennaan, dhugaan isaaf dhiise. Eegasii gabrichi deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbis ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee, isa sattaree irra isaaf darbu jiru yookaan isa irratti kan adabu akka jiru beeke, dhugumatti gabricha kootiif dhiiseen jira. Eegasii gabrichi deebi'ee badii balleesse, akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbis ni jedhe: gabrichi koo badii hojjatee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee, isa sattaree irra isaaf darbu yookaan isa irratti adabu akka jiru beeke, dhugumatti gabricha kootiif dhiiseen jira, waan yeroo badii hojjate hunda badii sana dhiisee gaabbee akka lammata isatti hin deebine murteeffateen waan barbaade haa hojjatuu, garuu lubbuun isaa isa injifattee yeroo biraas badii keessatti kufa, hanga akkas hojjataa ta'etti badii hojjatee toobatetti ani isaafan dhiisa, tawbaan waan isii duraa waan diigduuf jecha.
Abdullaah ilma Amri irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".
MuslimNabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaannan namoota bulchiinsa isaanii jala jiran, murtoo isaanii jala jiranii fi maatii isaanii gidduutti haqaa fi dhugaan murteessan guyyaa qiyaamaatti kabajaa isaaniif jecha teessoowwan haalaan ol fuudhamoo ifa irraa uumaman irra taa'u jedhanii himan. Teessowwan kun mirga rahmaanitti argamu, harki Isaa lameenuu -Inni qulqullaa'e- mirgaadha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- maalumma komii (hama) haraama taatee ifa galchan, isiin: muslima si bira hin jirre waan inni jibbuun dubbachuudha, haala isaa uumamaa, yookaan haala isaa amaalaa ta'ee, akka ballaa, gowwoomsaa, kijibaa fi wantoota arraba of keessaa qaban irraa waan sana fakkaataniin isa dubbachuudha, osoo haala sana qabaatellee. Haalli sun isa keessa kan hin jirre yoo ta'e immoo kun komii (hama) irra jabaadha, inni isa irratti kijibuudha, (Buhtaanni) nama irratti waan isa keessa hin kijibuudha.
Khawlat al-ansaariyyaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiidhaa -Rabbii rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e jette: "Namoonni wohii qabeenya Rabbii haqaan maletti fedhanitti ittifayyadamu, isaaniif guyyaa qiyaamaa keessatti ibiddaatu jira".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota qabeenya muslimootaa haqaan maletti akka fedhan godhan, karaan malee kan fudhatan dubbatan, kun qabeenya karaa eeyyamameen alatti walitti qabuu, isa hojjachuu fi iddoo sirrii hin taane keessatti isa baasuu keessatti murtoo wolii galaati, qabeenya yatiimotaa nyaachuun, qabeenya woqfii balleessuun, amaanaa waakkachuu fi haqaan maletti qabeenya walii galaa irraa fudhachuun sana keessa ni gala. Eegasii mindaan isaanii guyyaa qiyaamaatti ibidda akka ta'e Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himani.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan: “Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati, hamtuu namaa beekuuf hin yaalinaa, wal hin basaasinaa, wal hin hin hassadinaa, dugda walitti hin galinaa, wal hin jibbinaa, Gabroota Rabbii obboleewwan ta’aa.”
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota Muslimoota gidduutti wal qoqqooddaa fi diinummaatti nama geessan irraa dhoorgan. Sana keessaa: (Seehaadha) inni shakkii ragaan maletti qalbii keessatti argamu yoo ta’u, inni haasaa sobaa keessaa tokko akka ta'e ibsan. (Hamtuu beekuuf yaaluudha): inni hamtuu namootaa ijaan ykn gurraan beekuuf yaaluudha. (Wal basaasuudha): inni dhimmoota irraa waan dhokataa ta'e barbaaduudha, yeroo baay’ee isa hamtuu keessatti itti fayyadamama. (Inaaffaadha) inni argannaa ni'imaa namaaf jibbuudha. (Dugda walitti galuudha) inni gariin namootaa garii irraa gara galuun argama, obboleessa isaa Muslima salaamataa hin jedhuun, akkasumas isa hin ziyaaru, (Wal jibbuudha) wal irraa baqachuudha, akkasumas wal rakkisuun, fuula walitt gurraachessuu fi amala badaan wal simachuun jibbansa walii muldhisuudha. Eegasii jecha of keessatti waa hedduu hammatu kan isaan wajji jireenyi muslimootaa tolu wahiiti dubbatan,innis: (Gabroota Rabbii obboleewwan ta'aa.) jechuudha. Obbolummaan haada walitti dhufeenya namoota gidduu jiru isaan tolu, akkasumas gidduu isaanitti jaalalaa fi walitti dhiheenya dabala.