





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii! badii irraa xiqqoos ta'ee guddoo isii hojjadhu malee hi dhiifne, ergamaanis ni jedhani: "Haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa kan baatu hin taanee?" yeroo sadi akkas jechuun gaafatani. namtichis: eeyyeen(ragaa nan ba'a) jedhe, ergamaanis ni jedhan: "dhugumatti inni sun isa sana irra dhufa".
Abu Ya‘laaNamtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkana jedhe: yaa ergamaa Rabbii! ani dhugumatti badii fi dilii hunda irraa hojjadheen jira, xiqqaa fi guddaa isaas osoon hin hojjatin hin dhiifne, anaaf ni dhiifamaa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniin: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiruu fi Muhammad immoo dhugumatti ergamaa Allaahaati jettee ragaa kan baatu hin taanee? Yeroo sadi isii irra deddeebi'an. Innis eeyyee ragaa nan ba'a jechuun isaanif deebise, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa shahaadaan lameen qabduu fi badiiwwan haquu isii isatti himan, tawbaan waan isii dura dabre ni haqxi.
Abuu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
At-TirmidhiNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu'uminaa keessatti hojiilee fi jechoota irraa wanni irra ulfaatu amala gaarii akka ta'e himan, sunis fuula namatti diriirsuu, nama miidhuu irraa of qabuu fi waan gaarii hojjechuudhaan. Rabbiin ol ta'e nama gochaa fi dubbii isaa keessatti fokkataa ta'e, kan waan arraba isaatiin dubbatu keessatti baalagee ta'e ni jibba.
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffame Rabbi isaan lamaan irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse, Dhiiga isaanii akka dhangalaasan akkasumas haraama isaanii akka halaala godhatan isaan taasiseera".
MuslimNabiyyichi nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu, miidhaa irraa akeekkachiisaniiru, miidhaa irraayi: namoota miidhuu, lubbuu ofii miidhuu fi haqa Rabbii ol ta'ee keessatti miidhaa geessuun, Innis Nama haqa qabu hundaaf haqa isaa kennuu dhiisuudha, miidhaan immoo guyyaa qiyaamaatti rakkinoowwanii fi sodaan cimaan isaanitti argamuu irraa kan ka'een warra isaa irratti dukkanoowwan ta'a, Doqnyummaa cimaa isa waliin bololli jiru irraa dhoorgan, isa irraayi haqoota qabeenyan wal qabatan geessuu keessatti dantaa dhabuu fi garmalee duniyaaf bololuun, Gosti miidhaa kun ummata nu dura turan balleesse, gariin isaanii garii ajjeesuu fi waan Rabbiin haraama taasise halaala godhachuu irratti yeroo isaan kakaase keessatti.
Salamaa bin Al-Akwa’i irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan Nabiyyiin akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in", Nama kana boona malee wanti biraa hin dhoorgine, ni jedhe: sana booda harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan harka isaa kan bitaatiin nyaatu arganii, harka isaa kan mirgaatiin akka nyaatu ajajan, Namichis of tuulummaa fi sobaaf jecha hin danda'u jedhee isaanif deebii kenne! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka mirgaatiin nyaachuu irraa akka hoongeffamu isa irratti du'aa'ii godhan. Rabbiin kadhaa Nabiyyii Isaa kan akka harki isaa kan mirgaa laamshoftu kadhatan isaanif qeebalee, namichi sun sana booda nyaataan yookaan dhugaatiin harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Rabbiin isa irraa haa jaallatu: Namni baadiyyaa tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee akkas jedheen: Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta" namichis akkas jedhe: Isa lubbuun kiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhee kana irratti homaa hin dabalu, sana booda yeroo namichi deemuuf achi garagale Nabiyyiin -nagaa fi rahmanii isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: "Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha kanaa haa ilaaluu".
Al-Bukhari and MuslimNamichi warra baadiyyaa irraa ta'e wahii hojii jannata isa seensisu irratti akka isa qajeelchaniif jecha Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni dhufe, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- jannata seenuu fi ibidda irraa baraaramuun utubaawwan Islaamaa raawwachuu irratti kan dhaabbatu ta'uudha isaaf himani, isaanis osoo Isatti homaa hin daballe Rabbiin qofa gabbaruudha. Salaata shanan Rabbiin guyyaa fi halkan hunda keessatti gabroota Isaa irratti isii dirqama taasise salaatuudha. Zakaa qabeenyaa kan Rabbiin isii sirratti dirqama taasise warra isii haqa godhatuuf kennuudha. Sooma ji'a Ramadaanaa yeroo isaa eeggattee soomuudha. Namichi sana booda ni jedhe: Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee hojii dirqamaa kanan isa sirraa dhagahe irratti kheyrii adda addaa irraa homaa hin dabalu, irraas hin hirdhisu. Yeroo namichi deemuuf achi garagaletti Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha baadiyyaa kana haa ilaaluu.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. "Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu- namoota gidduutti naamusa salaamataa waliin jechuu irratti qajeelfama kennan "Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh", Ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni yaabbate immoo nama miilan deemu irratti salaammachuudha qaba, namni miilan deemu nama taa'aa jiru irratti salaammachuudha qaba, namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'ees namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta'e irratti salaammachuudha qaba.
Abdullaah bin Amrii irraa odeeffamee Rabbiin isaan irraa haa jaallatu: Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, gaaffii kana irraa gaafatamnaan: Amaloota Islaamaa keessaa kamtu caala? Amaloota lama kaasan: Inni jalqabaa: hiyyeeyyii nyaachisuu baay’isuudha, isa keessa tola ooltummaan, kennaan, keessummeessuu fi affeerraan cidhaa kan galu yoo ta’u, yeroo beelaa fi gatiin jireenyaa qaala'e nyaachisuun immoo daran caalaa ta'a. Inni lammataa: muslima hunda, beektus beekuu baattus salaamataa isaan jechuudha.
Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- du'aa'ii yeroo tokkotti waa hedduu of keessatti qabatuun kadhannaa kan baay'isan turan, sana keessaa: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi" jechuudha. Du'aa'in kun gaarummaa addunyaa kan akka rizqii bareedduu, bal’aa halaal, haadha manaa gaarii, ilmoo ijji itti gammaddu, beekumsa faayidaa qabu, hojii gaarii, fi wantoota hawwataa fi hayyamaman biroo of keessatti hammata, akkasumas tolina aakhiraa, adabbii qabrii, fi ibidda jahannam irraa bilisa ta’uu, jaalala Rabbii argachuu, qananii dhaabbataa ta'een milkaa'u fi Rabbii rahmata guddaa qabutti dhihaachuudha of keessatti hammata.
Shaddaad bin Aowsi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ni jedhan: “Gooftaan istigfaaraa ati akkas jechuudha: Yaa Rabbii Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii keeti fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee kan namaa araaramu hin jiru", ni jedhani: "Namni isii dhugoomsaa haala ta'een guyyaa keessatti isii jedhee, osoo hin galgalaayin du’e, inni warra jannataa irraayi, namni isii dhugoomsaa haala ta'een halkan keessatti isii jedhee, osoo hin bari'in du’e, inni warra jannataa irraayi".
Al-BukhariNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu- istigfaaraf jechoonni hedduun akka jiranii fi isaan keessaa inni irra caala fi irra guddaan gabrichi akkas jechuu akka ta’e himan: "Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii kee fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee inni dilii araaramu hin jiru". Garbichi dursee Rabbiif tokkichummaa ni amana, akkasumas Rabbiin uumaa isaati fi gabbaramaa isaa kan hiriyaa hin qabne ta'uu fi innis akka dandeettii isaatin Isatti amanuu fi Isa tole jechuu irraa waan Rabbii ol ta'eef waadaa gale irra akka jiru ni amana; sababni isaas gabrichi hanga fedhe yoo Rabbiin gabbareeyyuu hunda waan Rabbiin isa itti ajajee fi qananii irratti Rabbiin galateeffachuu irraa waan dirqama ta'e raawwachuu waan hin dandeenyef jecha, akkasumas inni gara Rabbitti hirkatee, Isa irraa tika akka barbaadu amanuudha qaba; sababni isaas Inni dhugumatti sharrii gabrichi hojjate irraa kan itti maganfatamu waan ta'eef jecha, Akkasumas gabrichi qananii Rabbiin isaaf godhe beekee, badii fi yakka isaatin gara ofitti deebi'uudha qaba, Rabbitti warwaatuu kana booda, irra darbuu Isaati fi tola Isaatin akkasumas rahmata Isaatin badiiwwan isaa akka Rabbiin isaaf dhoksee rakkinoota isii irraa isa tiksu Rabbii isaa kadhata; sababni isaas Rabbii ol ta'e malee kan badiiwwan namaaf dhiisu waan hin jirreef jecha. Ergasii Nabiyyiin nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu, zikriin kun zikrii ganamaa fi galgalaa keessaa tokko ta’uu isaa himan, namni mirkaneeffatee isa jedhe, hiika isaas of dura qabee itti amanee jalqaba guyyaa isaa irratti, inni yeroo bahiisa aduuti fi jallatiinsa isii giddutti jiruudha, kunis yeroo guyyaati, eegasii du'ee jannata ni seena, Namni halkan, aduun lixxee hanga bari’utti isa jedhe, eegasii osoo hin bariin du’e, Jannata ni seena.