





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Amrii bin Shu'eyb abbaa isaa akaakayyuu isaa irraa oedeessee ni jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan reebaa,eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa".
At-TirmidhiNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbaan ijoollee isaa -dhiirotaa fi dubartoota- yeroo umuriin isaanii waggaa torba ta’e akka salaatan isaan ajajuu fi waan salaatuuf isaan barbaachisu barsiisuu akka qabu ibsaniiru. Umriin isaanii waggaa kudhan yoo ga’u ajajni ni dabala, salaataf dantaa dhabiinsi yoo isaan irraa muldhate isaan rukuta, bakka hirriibaa irrattis addaan isaan baasa.
Abdurrahmaan ilma Abbaa leylaa irraa odeeffamee akkana jedhe: Ka’ab ilmi Ujraa na qunnamee akkana jedhe: kennaa tokko siif hin kennuu? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhaammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha.
Al-Bukhari and MuslimSahaabonni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkaataa rahmata isaan irratti itti buusan irraa gaafatan. sun eega Attahiyyaata keessatti akkaataa nagaa isaan irratti itti buusan baranii booda: “Assalaamu Aleyka Ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhu...”? jechuunisa: "yaa Nabiyyichaa! nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu...". Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkamitti rahmata akka isaan irratti buusan isaanif himani, hiikni isiis: "Allaahumma salli alaa Muhammad wa alaa ali Muhammad" "Yaa Rabbi Muhaammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi". Jechuunis: Ummata ol’aanaa biratti jecha bareedadhaan isaan faarsi, akkasumas amantii isaanii keessatti warra isaan hordofanii fi maatii isaanii irraa warra amananis ummata ol'aanaa biratti jecha bareedadhaan isaan faarsi. "Akkuma maatii Ibrahiim irratti rahmata buuftetti". Akkuma maatii Ibraahim -nageenyi isa irratti haa jiraatu- irratti rahmata buusuun tola ooltetti, isaanis: Ibraahiim, Ismaa'iil, Ishaaq, hortee isaanitii fi hordoftoota isaanii mu'umintoota, Muhammadittis tola kee dhaqqabsiisi nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu. "Ati Faarfamaa, guddaadha" Jechuunis: Ati zaata kee, sifaata keeti fi gochoota kee keessatti faarfamaadha, guddina kee, aangoo keeti fi kennaa kee keessatti bal’aadha jechuudha. “Yaa Rabbii akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi" Jechuunis: kheyri fi karaamaa irraa irra guddaa isii kenniif, itti dabaliif, irrattis tursiisi jechuudha.
Ubadaa bin Saamit irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru”.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- suuraa faatihaa qara'uun maletti salaanni akka fayyaa hin taane ibsan, isiin rak'aa hunda keessatti ruknii tokko kan ruknoowwan salaataa irraa ta'eedha.
Usmaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana kan jedhu dhagahe: “Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”.
MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, Muslimni kamiyyuu yeroon salaata dirqamaa isatti dhaqqabee jennaan ka'ee wuduu’a bareechee guutee godhatee, eegasii bakka qalbii fi qaamni isaa guddina Isaa of dura qabaa haala ta'een Rabbitti garagalaa ta'etti salaata isaa khushuu'a eeggatee, hojiilee ishee kan rukuu'aa, sujuudaa fi kan biroo guutee sirnaan salaatee, waan inni badiiwwan gurguddoo hin hojjatiniin salaanni tun badiiwwan xixiqqoo irraa waan ishee duratti dabre isaaf haqxuu taatu malee akka hin hafne ibsaniiru, sadarkaan kun yeroo fi salaata hundumaa keessatti ni jiraata.
Ka’ab bin Ujraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaa Rabbii, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, ni jedhan: “Salaata dirqamaa hunda booda namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” fi "yeroo soddomii afur”.
MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, zikriiwwan namni isaan jedhe hin kasaarre fi hin gaabbine himan, inumaayyuu mindaan jechoota kanaa akka isaaf jiruu fi gariin isaanii garii booda akka dhufu, akkasumas isaan salaata dirqamaa booda akka jedhaman eeraniiru, isaanis: "Subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, Rabbii ol ta'e hanqina hundumaa irraa qulqulleessuudha. "Alhamdulillaah" yeroo soddomii sadii, innis Isa jaalachuu fi guddisuu waliin guutummina hoonga gayaa ta'een Rabbi ibsuudha. "Allaahu Akbar" yeroo soddomii afur, kunis Rabbiin waan hundumaa caala, irra guddaa fi jabaadha jechuudha.
Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" dilii isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhaammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.
MuslimNabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu namni mu'azzina yeroo dhaga'u du'aa'ii armaan gadii kana jedhe galata guddaa akka qabu himan "Ashhadu an laa ilaaha illallaahu wadahuu laa shariika lah" jechuunis: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi gabbaramaan Isa malee jiru hundi soba akka ta'e nan raggaasisa, ragaa ba'a, "Wa anna Muhammadan abduhuu marasuuluhu" jechuunis: Muhammad gabricha Rabbii kan gabbaramne ta'uu fi Ergamaa Isaa kan hin sobne ta'uu ragaa ba'a, "Radiitu billaahi rabban" jechuunis: Rabbiin hojiilee, gabbartii, maqoolee Isaati fi sifowwan Isaatin gooftaa ta'uu jaaladhe", “Wabimuhammadin rasuulaa", jechuunis: Muhaammad hunduma waan isaan ergamanii fi nutti geessaniin waliin ergamaa ta'uu jaaladhe jechuudha, "Wabil islaami" jechuunis: Islaamummaa ajajoota fi dhoorgaalee irraa hunda heera fi seera isaa waliin jaaladhe jechuudha, “Diinaa" jechuunis: itti amanuu fi jala masakamuu keessatti amantii ta'uu jaaladhe jechuudha, “Diliin isaa ni dhiifama" jechuunis: nama du'aa'ii kana jedhe diliin isaa kan diliiwwan xixiqqaa irraa ta'e isaaf dhiifama jechuudha.
Khuraymi ilma faatik irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha, Dirqamsiiftuun lameen: namni osoo waan tokkoollee Rabbitti hin qindeessin du'e jannata seene, namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e ibidda seene, fakkaataa fakkaataan mindeessuun immoo: namni hanga qalbiin isaa beekuttii fi murannoo isaa Rabbiin irraa beekutti toltuu hojjachuu kan yaade toltuu tokkotu isaaf barreeffama, namni hamtuu hojjate hamtuu tokkotu isa irratti barreeffama, namni toltuu tokko hojjate fakkaattii isaa kudhaniin isaaf barreeffama, namni kennaa tokko karaa Rabbii irratti kenne toltuun tokko dhibba torbaan isaaf qabama, Namoonni afran immooo, tokko kan duuniyaa irratti isatti bal'ifamee Aakhiraatti immoo isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa irratti kan isatti dhiphifamee Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamuudha, tokkoo immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti bal'ifamuudha".
AhmadNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-gosti hojiiwwani jaha akka ta'ee fi gosti namootaa afur akka ta'e himani. gosti hojiiwwan jahan: Tokkoffaan: namni waan tokkollee haala Rabbitti hin qindeessineen du'e jannanni isaaf raggaate. Lammaffaan: namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e haala isii keessa yeroo maraa jiraatuun ibiddi isa irratti raggaate. Jarri lamaan kun dirqamsiiftuu lamaani. Sadaffaan: toltuu yaadamteedha, namni toltuu hojjachuu yaadee yaada isaa kana kessatti hanga qalbiin isaa beektee Rabbiin yaada isaa kana isa irraa beekutti dhugaa dubbataa ta'ee, eegasii wanti wohii isa mudatee jennaan toltuu kana osoo hin hojjatin hafee toltuu guutuutu isaaf barreeffama. Afraffaan: badii hojjatamte, namni badii tokko hojjate badii tokkotti isaaf barreeffamti. Isaan lameen: dachaa ta'uun maletti fakkaataan fakkaataadhumaan ta'a. Shanaffaan: toltuun fakkaattii isii kudhaniin taatuudha, inni namni toltuu niyyatee isii hojjate; toltuuwwan kudhantu isaaf barreeffama. Ja'affaan: toltuu toltuuwwan dhibba torba taatuudha, isiin namni kennaa tokko karaa Rabbii keessatti kennate toltutttiin kun toltuuwwan dhibba torbaan isaaf barreeffamti, kun tolaa fi arjummaa Isaa -Inni ol ta'ee kheyriin Isaa heddummaate- kan inni gabroottan Isaa irratti oole irraayi. Gosti namootaa afran immoo isaan: kan jalqabaa: nama duuniyaa irratti rizqiin isatti bal'ifame, inni isii keessatti qananiifamaadha isii keessatti waan fedhe ni aragata, garuu Aakhiraatti immoo itti dhiphifama, deebiin isaas gara ibiddaati, inni kaafira dureessaadha. Lammaffaan: nama duuniyaa keessatti rizqiin isatti dhiphifame, garuu Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamaadha, deebiin isaas gara jannataati ta'a, inni mu'umina hiyyeessadha. Sadaffaan: nama duuniyaa fi aakhiratti itti dhiphifame, inni kaafira hiyyeessadha. Afraffaan: nama duuniyaa fi aakhiraatti itti bal'ifame, inni mu'umina dureessaadha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”.
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mu'umitoota malee namni biraa akka jannata hin seenne fi iimaanni akka hin guutamne, akkasumas hanga gariin isaanii garii jaallatutti haalli hawaasa muslimaas akka hin tolle ibsaniiru. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara irra caalaa wantoota wal jaallachuuf sababaa ta'anitti qajeelchan, innis salaamtaa Rabbiin gabroota Isaatif kabajaa taasise gidduu muslimootatti waliin jechuu heddummeessuudha.
Abuu Umaamaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Hajjii dhaammannaa keessatti isaanii akkana jedhanii khuxbaa godhanin dhagahe: "Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii".
Ibn HibbaanNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- guyyaa Arafaa, Hajjii dhaammannaa, Hijraa irraa waggaa kurnaffaa keessatti khuxbaa godhani, sababni (Hajjii dhaamannaa) jedhamteef Nabiyyiin -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota yeroo sana achi jiraniitti waan dhaammataniif jecha, Namootni hundi ajajoota Isaa fudhachuu fi dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun akka Rabbii isaanii sodaatan isaan ajajani. Akkasumas salaata shanan Rabbiin ol ta'e halkanii fi guyyaa keessatti dirqama taasise salaatuutti isaan ajajani. Ji'a Ramadaanaas soomuutti isaan ajajani. Akkasumas zakaa qabeenya isaanii osoo isiidhaan hin don'oomne warra isii haqa godhataniif kennutti isaan ajajani. Akkasumas waan badiin keessa hin jerre keessatti warra Rabbiin isaan irratti bulchitoota isaan taasise tole jechuutti isaan ajajani, Namni wantoota dubbataman kanneen hojjate mindaan isaa Jannata seenuudha ta’a.