





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin, Rabbiin ummata qabrii Nabiyyoota isaanii masjiida taasifatan abaaree jira".
AhmadNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qabrii isaanii akka xaa'ota namoonni isa guddisuu fi sujuuda keessatti isatti garagaluun isa gabbaru akka hin taasifne Rabbiin kadhatan, eegasii akka Rabbiin nama qabrii anbiyootaa masjida taasifate rahmata isaa irraa fageessee fi ari'e himan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isii masjiida taasifachuun gara isii gabbbaruu fi isiitti amanuutti nama geessuuf jecha isii masjiida taasifatuu irraa dhoorgan.
Abuu hurayraa irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: ''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa"
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'ee guddate akkana jedhe jechuudha himan: Inni shirkii irraa irra dureessa shariikotaati, inni waan hunda irraa dureessa, ilmi namaa hojiilee kheyrii irraa yeroo hojii tokko Rabbiif jecha hojjatee Isaan (Rabbiin) waliin waan biraa isa keessa galche, Rabbiin isa dhiisa, hojii sana isa irraa hin qeebalu, inumaayyuu hojii sana isarratti deebisa; Hojii Rabbii ol ta'eef qulqulleessuun dirqama ta'a, waan Inni (Rabbiin) -qulqullaa'e- waan fuula Isaa kabajamaaf qulqulluu ta'e malee waan biraa hin qeeballeefi.
Jundub irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Osoo hin du'iniin duratti guyyaa shaniin Nabiyyiidhaa akkas jedhuun dhagahe:" ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, ani sana irraan isin dhoorga''.
MuslimNabiyyin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- sadarkaa isaanii kan Rabbiin biratti qaban irraa dubbatan, isiin dhugumatti irra olaanaa sadarkaa jaalalaa irra geesse, akkuma Ibraahiim isii argatee jirutti -nageenyi isa irratti haa jiraatu- kanaaf Rabbiin malee jaalalleen biraa isaanif ta'uu morman; waan qalbiin isaanii jaalala Rabbii ol ta'ee, Isa guddisuu fi Isa beekuun guutameef jecha, Rabbiin malee waan jiruuf eenyuufuu bal'achuu hin danda'u. Osoo uumamtoota irraa jaalalleen kan isaanif ta'u ta'ee silaa Abuu Bakir assiddiiqtu ta'aaf ture -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Eegasii jaalala keessatti daangaa eeyyamame darbuu irraa sodaachisan, akka yahuudaanii fi nasaaraan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaaniitti hojjatanitti, hanga gooftota shariika Rabbii gaditti gabbaraman taasifatanitti, qabrii isaanii irratti masjiidotaa fi bakka gabbartii ijaaran, ummata isaanii fakkaataa hojii jira kanaa hojjatuu irraa dhoorgan -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu-
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: “Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkuma muumanni hinaafee jibbu, Rabbiinis hinaafee jibba, sababni hinaaffaa Rabbii ammoo muuminni gocha safuu hin qabne (haraama) kan akka saalqunnamtii haraamaa, dhiirti dhiira qunnamuu, hannaa, dhugaatii alkoolii dhuguu fi badii biroo raawwachuu akka ta'e himan.
Ibnu umar irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- dhugumaan inni namicha tokkoo kan akkas jedhu dhagahe: ka'abaadhaan kakadhe hin ta'u. ibnu Umaris ni jedhe: waan Rabbiin malee jiruun hin kakatamu, ani Rasuula Rabbiitii akkas jedhan dhagahe -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: "Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.
At-TirmidhiNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni waan Rabbiin, maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin ala jiruun kakate dhugaadhaan akka Rabbitti kafare yookaan shaarraksiise himan; kakuun waan isaan kakatame guddisuutti geessa, guddinni daangaa hin qabne kan Rabbii tokkichaa qofaati. Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu -Inni qulqullaa'e-. Kakaan kun shirkii xiqqaa irraayi; garuu yoo namni kakatu waan ittiin kakatu akka Rabbii ol ta'ee guddisutti yookaan isaa olitti guddisa ta'e; yeroo sana shirkii guddoo irraa ta'a.
Abdullah ibnu Masu’uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhag'e: "Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi".
AhmadNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warri osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan irratti taatuu fi warri qabrii masjiidoota isii biratti salaatanii fi gara isitti salaatan taasifatan irra hamoo namootaa irraa akka ta'an dubbatan.
Mahmuud bin Labiid irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkana jedhan: Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xixiqqoodha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha, Rabbiin ol ta'e Guyyaa Qiyaamaa, yeroo namoonni hojiilee isaanitiif mindaa argatanitti akkana jedha: Gara warra dur addunyaa keessatti argisiifataa turtanii deematii mindaa akka isaan biraa argattan mee ilaalaa".
AhmadNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif wanti akkaan sodaatan shirkii xiqqaa ta’uudha himan, innis namni na haa arguuf waa hojjachuudha. Eegasii guyyaa qiyaamatti adabbiin warra nama agarsiifachuuf jecha Hojjetanii akka akkas isaanin jedhamuu ta'e himan: Gara warra isaanif jecha hojjataa turtanii deemaatii hojii sana irratti akka mindaa isiniif kennuu danda'an mee ilaalaa?!
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Mu'aaz ilma Jabaliin yeroo gara yamanitti isa erganitti ni jedhaniin: ''ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirreee fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, guyyaa fi halkan hunda keessatti akka Rabbiin isaan irratti salaata shan dirqama taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, Rabbiin sadaqaa dureessowwan isaanii irraa fuudhamtee hiyyeessota isaaniitti deebitu dhugumatti dirqama akka isaan irratti taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan siif qeebalan ta'e, adaraa qabeenyawwan isaanii qaqqaalii irraa of eegadhu, kadhaa miidhamaa sodaaadhu, dhugumatti isaa fi Rabbiin gidduu girdoon hin jiruutii''.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-yeroo Mu'aaz ilma Jabaliin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- gara biyya yamanitti gara Rabbiitti waamaa fi barsiisaa haala ta'een isa erganitti, uummata Nasaaraa irraa ta'an akka qunnamu isaaf ibsan; akka isaaniif qophii ta'uuf jecha, eegasii isaan waamuu keessatti irra yaachisaadhaan, eegasii irra yaachisaadhaan akka eegaluuf jecha. Jalqaba gara Aqiidaa sirreeffachuutti isaan waama; dhugaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaaha akka ta'e ragaa ba'uudhaan. Isiidhaan gara islaamummatti seenan waan ta'eef, yoo isaan sanaaf ajajaman salaata dhaabuutti isaan ajaja; waan isiin booda tawhiidaatii irra guddaa dirqamootaa taateef jecha. Yoo isii kan gadi dhaaban ta'e, dureessotni isaanii zakaa qabeenya isaanii hiyyeessota isaaniitiif akka kennan isaan ajaja, eegasii qabeenya isaanii caalaa fudhachuu irraa isa akeekkachiisan; dirqamni giddu galeessa waan ta'eefi. Eegasii miidhuu irraa akka fagaatu isaaf dhaaman; miidhamaan isa irratti akka hin kadhanneef jecha, kadhaan isaa qeebalamaa waan ta'eefi.
Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa akkas jedhanin dhaga'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: ''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sifowwan Rabbii ol taée fi hojii dhuunfaa Isaatiin isaan faarsuu fi haala isaanii ibsuu keessatti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan, yookaan isaan waan dhokataa ni beekan jechuudhaan, ykn Rabbiin waliin ni waammataman jechuudhaan, akkuma nasaaraan Iisaa ilma maryam -nageenyi irratti haa jiraatu- waliin dalaganitti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan. Eegasii isaan gabroota Rabbii keessaa tokko akka ta'an ibsan, akkasumas akka nuti isaan: garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jennu nu ajajan.