





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Yaa Ergamaa Rabbiin jedhe: Ibnu juda'aan jaahiliyyummaa keessatti kan firooma fufuu (maxxanfatuu) fi rakkataa nyaachisu ta'e, wanti sun isa ni fayyadaa?, isaanis ni jedhan: "isa hin fayyadu, inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abdullaah ibnu jud'aan kan islaamummaan duratti dureewwan qurayshii irraa ture irraa dubbatan, Hojiiwwan isaa gaggaarii keessaa: firoottan isaa fufuun tolas isaanitti oola, rakkataas ni nyaachisa, wontoota gaggaarii islaamummaan isii hojjachuutti kakaase biroos ni hojjata ture, garuu hojiiwwan isaa kun Aakhiraatti isa hin fayyaddu; sunis sababaa inni Rabbitti kafaree fi guyyaa tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jedhiniif jecha.
Nin jedhe:Yaa ergamaa Rabbii, jaahiliyyaa keessatti sadaqaa yookaan gabra bilisa baasuu fi firooma fufuu irraa wantoota an ittiin gabbara raawwadhuutu ture, isii keessatti mindaan naaf jiraa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kaafirri yeroo islaamummaatti seene dhugumatti inni sadaqaa yookaan garbicha bilisa baasuu yookaan firooma fufuu irraa hojiiwwan gaggaarii waan islaamummaan duratti jaahiliyyummaa keessatti hojjataa ture irratti akka mindeeffamu ibsani.
Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Fakkiin munaafiqaa, akka re'ee gidduu tuuta re'ootaa lamaa deemtuuti, yeroo tokko gara isii kanaatti yeroo kaan immoo gara isii sanaatii deemti".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haalli munaafiqaa akka re'ee tuuta re'ootaa lamaa gidduu deddeemtu gara tuuta kamii akka gortu kan hin beeknee ta'uu ibsani. Yeroo tokko gara tuuta isa kanaatti yeroo tokko immoo gara tuuta isa biraatti deemti, Isaan iimaanaa fi kufrii gidduutti dhama'oodha, keessaa fi alaan mu'uminootaa waliinii miti, akkasumas keessaa fi alaan kaafirootaa waliinii miti, inumaa isaan alaan mu'uminoota waliini, keessi isaanii immoo shakkii fi mamii keessa jira, yeroo garii gara worra kanaatti gorani, yeroo garii immoo gara worra sanaatti gorani.
Abdullaah ilma Amrii ilma Al-Aas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa".
Al-HaakimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka huccuun haaraa yeroo dheeraa fayyadamuu irrra kan ka'een moofa'uutti iimaanni qalbii muslimaa keessatti akka moofa'uu fi dadhabu himani. Sunis sababaa ibaadaa irraa dadhabuutiin, yookaan sababaa badiiwwan hojjachuu fi fedhii lubbuutiin liqimfamuutiini. Kanaafuu nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaana keenya akka nuuf haaromsuuf Rabbiiin akka kadhannutti nu qajeelchani, sunis dirqamoota hojjachuu fi zikrii fi araarama kadhachuu heddummeessuun.
Ammaar bin Yaasiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhimma wahiitif na ergan, ani janaabayee bishaan argachuu hin dandeenye, kanaaf jecha akka beyladaan gangalatutti biyyee keessa gangaladhe, eegasii Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti himee, isaanis ni jedhan: "Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu- Ammaar bin Yaasir -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- garii dhimmoota isaanitiif jecha imala erganii jennaan, imalicha keessatti walqunnamtii saalaa raawwachuudhaan ykn fedhiidhaan maniyyiin irraa dhangala'uun janaabaan isatti dhufee, bishaan ittiin dhiqatu argachuu hin dandeenye, Janaabaaf jecha hukmii tayammumaa hin beeku ture, garuu hukmii isaa hadasa xiqqaaf(waan akka dhuufuu, fincaanii fi sagaraatif) jecha ni beeka ture, Kanaafuu hadasa xiqqaa keessatti akkuma gariin qaamolee wuduu'aa biyyee lafaa irra haxaa'uun tayammuma godhamutti janaabadhaaf yeroo tayammuma godhatan biyyeen qaama hunda waliin gayuun dirqama jechuu yaade; bishaan irratti qiyaasa godhachuuf jecha, kanaaf hanga qaama hunda waliin gayutti biyyee keessa gangalatee salaate, Eegasii gara Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti hime; haqa irra jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu akka beekuuf jecha? Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- hadasa xiqqaa akka fincaanitii fi hadasa guddaa akka janaabaa irraa akkamitti akka xaaharatu isaaf ibsan, innis harka isaa lameenin yeroo tokko biyyee irra rukutee, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa'uudha, akkasumas gubbaa shanacha harka isaa lameeni fi fuula isaa haxaa'uudha.
Jarir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera.
Al-Bukhari and MuslimSahaabichi Jariir bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- wantoota kanneen irratti akka ahdii seene hima: Rabbiin tokkochoomsuu, salaata dirqamaa shanan halkanii fi guyyaatti ulaagaa fi ruknowwan, dirqamoota isiiti fi sunnaa isii eeggatee salaatuu, zakaa dirqama tahe kafaluu, isiinis ibaadaa qabeenyaa tan dirqamaati, dureeyyii irraa fuudhamteeti hiyyeeyyii fii namoota biroo kan isii haqa godhataniif kennamti, akkasumas moototaaf tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduudha, innis isa fayyaduu irratti bololuu, kheyrii isatti geessuu fi jechaa fi gochaan hamtuu isa irraa deebisuudha.
Abdullaah ilma Abbaas irraa akka odeeffametti Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin akkuma dirqamni isaa hojjatamuu jaallatutti wanti inni laaffisees hojjatamuu jaallata".
Ibn HibbaanNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin salphifamuu murtoowwanii fi ibaadowwan keessa jiru irraa laafinsi isiin Inni karaa godhe hojjatamuu akka jaallatu himani, nama dirqamni isa irra kaa'ame irratti isii keessatti sababaadhaan laaffisuu -akka imala irratti salaata gabaabsuu fi wolitti qabuufaa-, Akkuma wantoota dirqama ta'an irraa dirqamni Isaa hojjatamuu jaallatutti; waan ajajni Rabbii dirqamaa fi laafiinsa keessattis tokko ta'eef jecha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahamnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatuu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessatti jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namni muslimaa tokko jama'aa keessatti yoo salaate, salaanni isaa sun salaata inni mana isaa yookaan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin akka caalu himan. Eegasii sababaa sanaa ibsan: innis namni tokko guutee tolchee yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee wanni biraa kan manaa isaa irraa isa baafne haala ta'een gara masjiidaa bahee, inni tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalamee, diliin isaa isa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seenee salaata kan eeggatu haala ta'een taa'ee, inni waan salaata kan eeggatu ta'een mindaa salaataati argata, malaa'ikonnis hanga inni eddoo saalaataa sana keessa jiru akkana jechuun Rabbi isaaf kadhatan: “Yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi rahmata isaaf godhi, yaa Rabbi towabaa isa irratti deebi'i, inni wuduu'a isaa waan hin balleessiniin, yookaan namoota yookaan malaa'ikoota waan miidhu waan hin hojjatiniin.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- inni Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe: “Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?" ni jedhan (sahaabonni): sun xurii isaa irraa homaa hin hanbisu, isaanis ni jedhan: "sun fakkeenya salaata shananiti, Rabbiin isaani diliiwwan haqa".
MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti salaataman isaan diliiwwan xixiqqoo nama irraa harcaasuu keessatti laga balbala nama tokkotti jiru kan guyyatti yeroo shan irraa dhiqatutti fakkeessan, dilii isaa irraa homaa hin hafu.