





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Uqbaa bin Aamir Al-Juhaanii irraa gabaafame Rabbiin irraa haa jaalatu: Tuutni namootaa takka gara Ergamaa Rabbiitti dhufanii, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, nama sagal ahdii godhanii, nama tokko dhiisanii jennaan, isaanis akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii nama sagal ahdii gootee isa kan dhiistee? Isaanis akkana jedhan: “inni qaxxasa/asmaa qaba”, isaan akkas jennaan namichi harka isaa keessa galchee ishee kute, sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- isa ahdii godhanii, akkana jedhan: “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”.
AhmadGareen tokko gara Nabiyyitti dhufee, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, lakkoofsi isaanii kudhan turan. Isaan keessaa nama sagal Islaamummaa fi isaan hordofuu irratti ahdii godhanii, kurnaffaa ahdii osoo hin godhin dhiisan, yeroo sababaa sanaa irraa gaafataman nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkan jedhan: Qaxxasa/asmaa qaba, isheenis waan hamaa ykn ija budaa ofirraa ittisuuf jecha callee ykn wantoota biroo irraa mormatti ykn qaamatti hidhamu ykn fannifamuudha. Namichis harka isaa bakka qaxxisa/asmaa galchee, irraa kutee, ofirraa baase. Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu yeroo sanatti ahdii isa godhanii, akkas jedhe, Qaxxisa/asmaa irraa akeekkachiisu fi murtii ishee ibsuuf akkana jedhan: “Namni qaxxisa/asmaa godhate shirkii raawwateera”.
Zaydii ilma Khaalid Al-juhanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti -isiin ganda makkatti dhihoo taate wahiiti- booda rooba halkan sana roobee ka'eetii salaata subhii salaatani, Salaamataa baafatanii salaata isaanii erga xumuraniin booda fuula isaanitiin ummatatti garagalanii, akkas jechuuun isaan gaafatan: waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu? Isaanis Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka jedhanii deebisaniif, Ni jedhan: Rabbiin ol ta'e namoonni yeroo roobni roobutti bakka lamatti akka qoodaman ifa galche: qooda Rabbii ol ta'etti amanee fi qooda Rabbii ol ta'etti kafareedha; Namni tola Rabbiitii fi rahmata isaatiin roobfamne jedhee, roobinsa roobaa Rabbii ol ta'etti hirkise; inni sun Rabbii uumaa uumama keessatti akk fedhe godhutti amanee urjiiwwanitti kafareera. Namni urjii akkasiitii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo; inni sun Rabbitti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha, inni kufrii xiqoo ta'a buusinsa roobaa urjiiwwanitti waan hirkiseef jecha; Rabbiin shari'aa fi qadaratti sababaa isa godhuu dhabuu wajjiin, Namni roobiinsa roobaa fi taatewwan dachi kan biroo ba'iinsaa fi kufiinsa isii keessatti gara sochiiwwan urjiiwwanitti hirkise haala isiituu dhugaatti hojjataa jira jedhee amanuun, inni kufrii guddaa kafareera.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Sahaabota Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa namoonni wohii dhufanii akkas jechuun isaan gaafatan: nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha".
MuslimTuutni wohii sahaabota nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa dhufaniii waantoota gurguddoo fokkina isii fi isii jibbuu isaanii irraa kan ka'e isii dubbachuun isaan irratti kan ulfaatu lubbuu isaanii keessatti kan isa argan irraa gaafatani, Nabiyyiinis rahmannii fi nageenyi isaan irratti haa jiraatu ni jedhani: wanti isin isa argitan kun iimaana ifa galaa fi yaqiina isa waan shayxaanni qalbii keessa buusu dhoorguutti, isa dubbachuu mormuttii fi wanni sun lubbuu keessanitti ulfaatuutti isin dhiibuudha, shayxaanni lubbuu keessan irratti moo'uu hin deenye, faallaa nama shayxaanni lubbuu isaatti karaa argatee waan isa ofirraa deebisuun hin argatiniiti.
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya waan isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa birattti irra jaallatamaa ta'etu lubbuu isaa keessatti itti dhaga'ama -waan afaaniin dubbachuun isatti ulfaatu wohiitti akeekee-, ergamaanis ni jedhan: "Rabbi guddate, Rabbi guddate, faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti".
Abu DawoodNamtichi tokko gara nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya dubbii lubbuu keessa deddeemutu wohiitu lubbuu isaatti dhag'ama garuu isa irraa dubbachuun ulfaataadha, sadarkaa isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa biratti irra jaallatamaa ta'utti, Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lama takbiiraa jechuun Rabbiin shira shayxaanaa waswasaa qofatti deebisuu isaatiiif Isa galatoomfatan.
Abuu Hurayraaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".
Al-Bukhari and MuslimErgamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaaffiiwwan shayxaanni ittiin mu'umina waswaasuuf dawaa bu'aa qabeessa himani, Shayxaanni ni jedha: kana eenyutu uume? kanas eenyutu uume? samii eenyutu uume? dachii eenyutu uume? Mu'uminni amantii, uumamaa fi sammuun akkana jechuun isaaf deebisa: Allaahaadha, Garuu shayxaanni waswasaa irraa hanga kanatti hin dhaabbatu, hanga eenyutu Rabbii kee uume jedhutti tarkaanfata?. Mu'uminni yeroo sanitti waswasaa kana wantoota sadiin deebisa: Rabbitti amanuudhaan. Shayxaana irraa Rabbitti maganfachuun. Waswasaa faana deemuu irraa dhaabbachuun.
Anas ilma Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama, kaafirri immoo toltuuwwan Rabbiif jecha hojjateen duuniyaatti nyaachifama, yeroo gara aakhiraatti ce'etti, toltuun isiidhaan mindeeffamu isaaf hin jiru".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbii guddaa mu'umintoota irra jiruu fi kaafiraa waliin haqummaa Rabbiin qabu ibsani. Mu'uminni immoo mindaan toltuu inni hojjatee hin hir'ifamu; inumaayyuu mindaa aakhiraatti ol isaaf kaa'amu waliin ajajamuu isaatif jecha isiidhaan duuniyaa irratti toltuun kennamaaf; mindaan isaa hunduu aakhiraatti ol isaaf kaa'amuunis ni mala. Kaafira immoo mindaa waan inni hojjatee toltuuwwan duuniyaatiin Rabbiin isaaf kenna, yeroo gara aakhiraatti ce'e immoo isii keessatti mindaan inni isiin mindeeffamu hin jiru; sababni isaas namni hojii gaarii ganda lameenitti nama fayyadu hojjatu mu'umina ta'uun isaa waan dirqama ta'eef jecha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhagaye: "Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Guyyaa Qiyaamatti Rabbiin ol ta'e akka dachii walitti qabee, samii harka mirgaa Isaatiin walitti dachaasee, garii ishee garii irratti maree, akkasumas isheen deemee ishee xumuree, eegasii akkana akka jedhu himan: Ani mootiidha, Mootonni addunyaa eessa jiru?!
Abuu Barzaa al-aslamii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. "Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".
At-TirmidhiNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota irraa namni tokkolleen hanga wantoota kenneen irraa gaafatamutti guyyaa qiyaamatti eddoo herregaa bira gara jannataa ykn ibiddaa akka hin dabarre himan: Tokkoffaan: Jiruu isaa maal keessatti akka isii fixeedha? Lammaffaan: Beekumsa isaa Rabbiif jecha bartee? itti hoo dalagee? nama maluuf hoo isa dabarseedha? Sadaffaan: Qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fide halaala moo haraama irraayii? maal keessatti baasii akka isa godhe waan Rabbiin jaallachiisu moo ykn waan Isa dallansiisu keessattii? Afraffaan: Qaama isaa, humna isaa, fayyaa isaati fi dargaggummaa isaa maal keessatti dabarseedha?
Anas irraa akk odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: hadiisa wohii kan ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaga'e kan ana malee namni kamuu isiniif odeessuu hin dandeenyen dhugumatti isiniif odeessa: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee dhaabbachuun qiyaamaan dhihaatuu keessaa beekumsi shari'aa kaafamuuu akka ta'e ibsani, sun immoo ulammoonni du'uudhaan ta'a. Bu'aan sanaa immoo wallaalummaan hedduumaatee faca'uu, sagaagalummaa fi wantoonni fokkatoon faca'uudha, akkasumas dhugaatii sammuu namaa adoochu dhuguun heddummaachuu, lakkoofsi dhiirotaa xiqqaatee lakooofsi dubartootaa heddummaachuudha; hanaga dubartii shantamaaf dhiirri tokko kan dhimmoota isaaniitiin dhaabbatuu fi kan faaydaawwan isaaniif itti gaafatamummaa fudhatu ta'utti.