





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abuu Hureeyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii kadhataa turan: "Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha”. jecha biroo kan Muslim keessatti: "Tokkoon keessan tashahhuda yeroo xumuretti (tashahhuda xumuree osoo salaamtaa hin jenne jechuudha) waan afur irraa Rabbitti haa maganfatu: Adabbii Jahannam, adabbii qabrii, rakkina jireenyaa, rakkina du'aati fi qorumsa masiih addajjaal irraa".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti tashahhuda xumuraa boodaa fi salaamtaa duratti waa afur irraa kan Rabbitti majanfatan ta'an, akkasumas wantoota afran san irraa Rabbitti majanfatutti nu ajajan, Tokkoffaan: Azaaba qabrii irraayi. Lammaffaan: Azaaba ibiddaa irraayi, sun immoo guyyaa qiyaamatti. Sadaffaan: Rakkina jireenyaa kan akka fedhiiwwan addunyaa tan haraamatii fi shakkiilee ishee kan nama jallisan irraa majanfachuudha, akkasumas Rakkina du'aa kan yeroo duuti namatti dhufe irraa majanfachuudha, sun akka Islaamummaa yookaan sunnaa irraa jallachuuti, yookaan rakkina qabrii kan akka gaaffii Nakiiri fi Munkariiti. Afraffaan: Qormaata masiih addajjaal kan dhuma addunyaa keessatti bahee Rabbiin isaan gabroota Isaa mokkoruudha, addatti wanni isa dubbataniif waan qormaanni isaatii fi jallisiinsi isaa guddaa ta'eef jecha.
Anas irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- akkas jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fincaan haa ta'uu yokaan sagaraa bakka itti haajaa isaanii baafachuu barbaadan yeroo seenuu fedhan akka Rabbiin hamtuu sheyxaana kormaafii dhalaa irraa isaan tiksu Rabbitti kan majanfatan ta'an, Ammallee jechi "Al-kubus" fi "wal kabaa'isa" jedhu wantoota hamtuu fi najisoowwanitti hiikameera.
Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu, eegasii harka isaanii rifeensa isaanii keessa galchanii kan dhiqatan ta'an, yeroo qaama isaa bishaan quubsuu yaadanitti bishaan yeroo sadii mataa gubbaa ofitti naqanii, eegasii qaama isaanii hunda dhiqatu. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa hammaarranna.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa dhiqachuu yeroo barbaadu harka isaanii lameen dhiqachuun jalqaban ture, Eegasii akkuma nama salaataf wuduu’a godhatutti wuduu'a godhatan, eegasii bishaan qaama isaanii irratti naqanii, eegasii harka isaanii lameen rifeensa mataa isaanii keessa o'oofan, yeroo bishaan hundee rifeenatti gahee, qaama obaase jechuu yaadanitti bishaan mataa gubbaa yeroo sadii ofitti naqan, eegasii qaama isaanii isa hafe dhiqan. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa bishaan hammaarranna.
Aliyyi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama salaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata". Akka Bukhaariin gabaasetti immoo akkana jedhan: “wuduu’a godhadhuutii qaama saalaa kee dhiqi”.
Al-BukhariAliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- yeroo baay’ee mazyiin akka isa irraa bahu hime -innis bishaan qal'aa mucucaataa kan yeroo fedhii saalaa ykn walqunnamtii saalaa dura qaama saalaa irraa bahuudha. Maal gochuu akka qabu hin beekne, Rasuulas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfate, Sababni isaas Abbaa manaa Faaximaa intala Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ta'eef jecha, Kanaafuu Miqdaad bin Aswad irraa waa’ee sanaa akka Rasuula -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf gaafatu barbaade, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun deebisaniif: Qaama saalaa dhiqateeti eegasii wuduu'a godhata.
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Akkana jedheetiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafadhe: Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha" ni jedhe (ibnu mas'uud): Waa’ee isaanii natti himan, osoon dabalataan isaan gaafadhee silaa naaf dabalu ture.
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechuun gaafataman: Hojiin Rabbi biratti baay’ee jaallatama isa kami? Ni jedhan: Salaata dirqama ta'e yeroo isaa kan Abbaan shari'aa tumeen salaatuudha. Eegasii Abbaa fi haadhatti tola ooluudha, gaarii isaanii gochuu, haqa isaanii bahachuu fi isaanitti mataa jajjabaachuu dhabuun, Eegasii jecha Rabbii ol ta'ee ol taasisuuf, akkasumas Amantii Islaamaa fi warra isaa irraa diina deebisanii mallattoowwan isaa muldhisuuf jecha karaa Rabbii keessatti lubbuu fi qabeenyan duuluudha. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: waa’ee hojiiwwan kanaa natti himan, osoon : Eegasii kami? jedheenii silaa naaf dabalan.
Yahyaa bin umaaraa al-maaziniyyii irraa odeeffamee akkana jedhe: Amrii bin Abii Hasanitti nan dhufe haala inni wuduu’a Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Abdullaah bin Zeydii gaafatuun, dabbaa bishaanii tokko waammateeti, wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- godhatee isaan agarsiise, dabbaa sana irraa bishaan harka isaa irratti dhangalaasee, harka isaa lameen yeroo sadii dhiqe, eegasii harka isaa dabbicha keessa galchee, bishaan hammaarrii sadii hammaarrachuun afaan lulluuqqatee funyaan keessa bishaan ol galchee baase, eegasii bishaan fudhachuun fuula isaa yeroo sadii dhiqate, eegasii harka isaa lameen ciqileen waliin yeroo lama dhiqate, eegasii bishaan fudhachuun mataa isaa harka isaa lameenin qabee gara fuul duraa irraa gara duubatti oofee eegasii gara fuul duratti as deebisuun yeroo tokko qofa haxaa'e, eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.
Al-BukhariAbdullaah bin Zeyd -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkaataa wuduu'a Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- bifa hojiitiin ibse, Meeshaa xiqqaa wahii kan bishaan irraa ta'e ni gaafate, Jalqaba irratti harka lameen dhiqachuudhaan eegale, achiis meeshicha sana dabsee bishaan irraa fudhachuun harka lameen yeroo sadii meeshaa sanaan alatti dhiqate. Eegasii harka isaa meeshicha keessa galchee, hammaarrii sadii hammaarrachuun, hammaarii hunda keessatti bishaan afaani fi funyaanitti ol fudhatee gadi deebisa. Eegasii meeshicha irraa hammaarratee fuula isaa yeroo sadii dhiqate, Eegasii bishaan fudhatee harka isaa lameen ciqilee waliin yeroo lama dhiqate, Eegasii harka isaa lameen meeshicha keessa galchee, harka isaa lameenin mataa isaa gara fuul duraa irraa eegalee hanga duuba isaa gayutti oofee eegasii eddoo irraa eegaletti deebisuun haxaa'e, Eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.
Miqdaam ibnu ma'adii karib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyii irraa akka odeessetti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: (Namni tokko yeroo obboleessa isaa jaallate akka isa jaallatu isatti haa himu).
At-TirmidhiNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti tokkoo sababoowwan walitti hariiroo giduu mu'umintootaa cimsituu fi tan jaalala gidduu isaaniitti facaaftu ibsan, innis namtichi yeroo obboleessa isaa jaallatetti akka isa jaallatu isatti haa himu jechuudha.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Namni dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama rakkate kunuunsu, akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuuti, ykn akka nama halkan dhaabatee guyyaa soomuuti.”
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni dantaa/faayidaa dubartii abbaan manaa ishee du’ee fi nama dhimma ishee eegu hin qabne, akkasumas hiyyeessaa fi rakkataa kunuunsu mindaa Rabbii ol ta’e biratti herregataa haala ta'een, inni akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuu ykn akka nama salaata tahajjudaa dhaabbatee hin dadhabnee, akka nama soomu Kan sooma hin hiikneeti jechuudha himan.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee _Rabbi isa irraa haa jaallatu_ Nabiyyiin _Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu_ akkana jedhan: «Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».
Al-Bukhari and MuslimRasuulli Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii dilii fi badiiwwan balleessituu taate torba irraa akka fagaatan ajajan, isiin maali jedhamee yeroo gaafatamanitti? ifa isii godhanii himan, isiinis: Tokkoffaan: Rabbitti waan biraa qindeessuudha, bifa kamiinuu ta'u fakkaataa fi hiriyaa isaaf taasisanii, gosa gabbartii irraa isa kamuu waan Rabbbiin malee jiruuf dabarsanii kennuudha, shirkiin waan irra guddaa badii ta'eef jecha isaan eegalan. Lammaffaan: falfala -inni waan hidhaa, ruqaa, dawaa fi aarsuu irraa ta'edha- inni nama falfalli itti godhame ajjeesuun, ykn dhukkubsuun qaama isarratti dhiibbaa fida, ykn haadha manaa fi abbaa manaa adda baasa, inni hojii shayxaanaati, irra hedduun isaa shirkii fi lubbuuwwan badduutti waan isiin jaallattuun itti dhihaachuun malee itti hin ga'amu. Sadaffaan: lubbuu Rabbiiin isii ajjeessuu irraa dhoorge karaa shari'aan eeyyamuu kan bulchaan raawwatuun alatti ajjeesuudha. Afraffaan: nyaachuunis ta'ee, yookaan karaa biraatiin itti fayyadamuun ta'ee dhala (ribaa) fudhachuudha. Shanaffaan: qabeenya ijoollee xiqqoo osoo inni hin baallaghin abbaan isaa du'etti daangaa darbuudha. Ja'affaan: lola kaafiraan woliinii irraa dheeysuudha. Torbaffaan: shamarran bilisa ta'an kan sagaagalummaa irraa tikfamoo ta'an maqaa xureessuudha, akkasuma dhiiras maqaa xureessuun.