





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan dhaga'e: “Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan, Yeroo mana seenee yeroo seenu sanatti Rabbiin hin zakkarin sheyxaanni ni jedha: bakka bultii qaqqabattan, akkasumas bakka nyaatatti yoo Rabbiin hin zkkarin sheyxaanni ni jedha: bakka bultiitii fi irbaatas qaqqabattan".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana seenanii fi yeroo nyaata nyaatan Rabbiin zakkarutti ajajan, yeroo namichi yeroo mana isaa seenuttii fi yeroo nyaatutti akkana jechuun Rabbin zakkaree: (Bismillaah) sheyxaanni deeggartoota isaatin akkas jedha: Mana abbaan isaa isinirraa Rabbii ol ta'e zakkaruun tikfame kana keessatti carraa bultiitii fi irbaataa hin qabdan. Namichi yeroo mana ofii seenee yeroo seenuuttii fi yeroo nyaatutti yoo Rabbiin zakkaruu baate sheyxaanni mana kana keessatti iddoo bultiitii fi irbaatalee qaqqabattaniirtu deeggartoota isaatin jedha.
Ummu Salamaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Mootonni ni argamu, isinis hojii isaan irraa waan beektanii jaallattanii fi waan mormitan qabdu, Kanaafuu namni beeke bilisa baha, namni morme immoo nagaa ta’a, namni jaallatee isaan duuka bu'e ni bada" ni jedhan (sahaaboonni): Nuti isaanin loluu hin qabnuu? Isaanis ni jedhan: “Lakkii, waan isaan salaata salaataniin”.
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni nuti garii hojii isaanii waan isheen seera shari'aatiin wal galteef jecha beeknu, garii ishee immoo seera shari'aa waan faalleessituuf jecha kan morminu akka nu irratti muudaman nutti himan. Namni qalbii isaa keessatti badii jibbee arrabaan itti dubachuu dadhabe; Cubbuu fi fakkeessummaa irraa bilisa ta’e. Namni harka isaatiin ykn arraba isaatiin mormuu danda’ee isaan irratti gocha sana morme badii fi ishee keessatti hirmaachuu irraa nagaa bahe. Garuu namni hojii isaaniitti jaallatee isaan duukaa bu’e akkuma isaan badanitti ni bada. Eegasii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii gaafatan: Bulchiitoota amala kana qabanniin loluu hin qabnuu? isaanis sana irraa isaan dhoorganii, akkana jedhan: Lakkii, hanga isaan isin gidduutti salaata dhaabanitti isaanin hin lolinaa.
Abuu Muusaa al-ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbiitii fi rahamata Isaa irraa himan, dhugumatti muslimni yeroo fayyaa qabuu fi biyya isaa jiraatutti aadaa isaa irraa hojii gaarii kan hojjatu ta'ee eegasii sababaan yoo isatti argamee dhukkubsatee isa hojjachuu dadhabe yookaan isa irra imala ba'uun yoo qabame, yookaan sababa kamiinuu ta'u; dhugumatti mindaa guutuutu isaaf barreeffama, akkuma waan yoo haala fayyaa qabuu fi biyya isaa jiru hojjatetti.
Tamiim addaarii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Amantaan ikhlaasaa fi dhugummaa irratti akka gadi dhaabbate himan, akka Rabbiin dirqama godhetti hirdhinaan yookaan gowwoomsaan maletti akka geeffamuuf jecha. Nabiyyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-nasiihaan eenyuuf taati jedhamanii gafatamnaan? akkana jedhan: Jalqaba: Gaarii Rabbiif -qulqullaa'e, ol ta'e- yaaduudha: hojii Isaaf qulqulleessuu fi isatti qindeessuu dhabuun, rabbummaa Isaatti, gabbaramummaa Isaatti, maqoowwan Isaa fi sifoowwan isaatti amanuuni, akkasumas ajaja Isaa kabajuu fi gara Isaatti amanutti nama waamuuni. Lammaffaan: Kitaaba Isaatiif gaarii yaaduudha, inni Qur'aana kabajamaadha: haasawa Rabbii akka ta'e, kitaabota Isaa irraa kan dhumaa akka ta'ee fi shari'aa isa dura darbe hunda isaa kan jijjiire ta'uu isaatti amanuudha, isa ni kabajna, qaraatii dhugaa isa qaraana, murtoo isaatti ni hojjanna, wol fakkaattoo isaas ni fudhanna, jalliftoonni isa dabsuu irraas ni deebifna, gorsa isaatiin ni gorfamna, beekumsa isaa ni faccaafna, gara isaattis ni waamna. Sadaffaan: Ergamaa Isaa Muhammadiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaarii yaaduudha: Ergamaa xumuraa akka ta'an amanuu fi waan ittiin dhufan keesssatti isaan dhugoomsuudha, ajaja isaanii hojii irra oolchuu fi waa isaan dhoorgan irraa fagaachuudha, akkasumas waan isaan ittiin dhufaniin malee Rabbiin gabbaruu dhabuudha, haqa isaanii guddisuu, isaan kabajuudha, waamicha isaanii tamsaasuu, sharii'aa isaanii raabsuu fi maqa baleessii isaan irratti deemu mormuudha. Afraffaan: Dureewwan muslimootaatiif gaarii yaaduudha: haqa irratti isaan gargaaruu, aangoo isaan irratti qabuu dhabuu fi Rabbiin buluu keessatti isaaniif ajajamuudha. Shanaffaan: Muslimoota hundaaf gaarii yaaduudha: tola isaanitti oluunii fi isaan waamuuni, akkasumas dhiibbaa isaan irraa qabuu, toltuu isaaniif jaallachuu, toltuu fi sodaa Rabbii keessatti isaaniin wol gargaaruuni.
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mana koo kana keessati akkas jedhuun dhaga'e: "Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".
MuslimKadhaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda nama dhimmoota muslimootaa irraa dhimma tokko irratti muudame xiqqaas ta'ee guddaa, muudamni kun muudama walii galaas ta'ee yookaan muudama hanga murtaa'e tokkos haa ta'uu, yoo isaanitti laaffisuu dhiisee rakkina, gadadoo fi dhiphina isaanitti galche, Rabbiin ol ta'e fakkaataa hojii isaatiin isa irratti dhiphisuun galata isaaf galcha. Namni isaanif laphee baatee dhimmoota isaaniis laaffiseef Rabbiin isatti laaffisee dhimmoota isaas isaaf laaffisa.
Ma'aqil ilma Yasaar al-muzanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- ani dhugumatti Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jdhuun dhaga'e jedhe: "Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta;e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi nama Rabbiin ol ta'e ummata irratti hogganaa fi itti gaafatamaa taasisee, itti gaafatamummaa waliigalaa kan akka bulchaas ta'ee yookaan itti gaafatamummaa dhuunfaa kan akka namichi mana isaa irratti ta'uu fi dubartiin mana isii irratti ta'uu ta'us, yoo haqa ummataa keessatti hirdhisee, isaan ganee gorsas isaan hin gorsine, akkasumas haqa isaanii diinii fi duuniyaa yoo balleesse, dhugumatti adabbii jabaa kana haqa godhatee jira.
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan: "Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni qabeenya muslimootatii fi dhimmoota duniyaa biroo dhunfatanii akka barbaadan itti hoojjatanii fi haqa muslimoota kan isii keessa jiru kan isaan dhoorgatan akka muslimoota hoogganuu taa'an himan. Amantii keessatti isaan irraa wantoonni jibbamoon akka argamaniis himaniiru. Sahaabaan -Rabbiin isaan irraa haa jaallatuu akkana jedhanii gaafatan: Haala sana keessatti maal gochuu qabna? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan qabeenyan kophaa bahuun dhageettii fi isaanii ajajamuu irraa dirqama isin irra jiru bahachuu irraa isin hin dhoorgu jedhanii itti himan, inumaayyuu obsaa, isaan dhagayaa, isaanifis ajajamaa, aangos isaan harkatti hin qabinaa, haqa keessan Rabbiin kadhadhaa, akkasumas Rabbiin akka isaan tolchee hamtuu isaanitii fi miidhaa isaan deebisu Isa kadhadhaa.
Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Fakkeenyi nama daangaa Rabbii irra dhaabbatuu fi nama daangaa sana keessatti argamuu, akka fakkeenya ummata doonii irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa doonii argatanii, gariin immoo jala ishee argataniiti. Eegasii warri jalaa bishaan yeroo barbaadan warra isaan gubbaa jiran irra darbanii waan waraabbataniif jecha ni jedhan: warra nu gubbaa osoo miidhuu baannee, qooduma keenya kana keessan qaawa baafannee, yoo jarri kuun jara kanaa fi waan isaan barbaadan itti dhiisan hundi isaanituu ni halaakaman, yoo harka isaanii qaban immoo isaan kun nagaa bahanii, isaan hundinuu nagaa bahu".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra daangaa Rabbii kabachiisan, ajaja Isaa irratti gadi dhaabbatanii fi waan gaaritti ajajanii waan hin taane irraa dhoowwaniif fakkeenya kaa'aniiru, Akkasumas warra daangaa Rabbii cabsan, kan waan gaarii hojachuu dhiisanii, waan hamaa hojjatanii fi hawaasni nagaa ta'uu keessatti dhiibbaa inni qabuuf fakkeenya kaa'an, sun akka fakkeenya ummata doonii yaabbatanii, isaan keessaa gubbaa doonii eenyuutu taa'aa fi jala ishee eenyuutu taa'aa irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa argatee gariin immoo jala argateeti, isaan jalaa bishaan waraabbachuu yeroo barbaadan isaan isaanin gubbaa jiran bira darbu, Warri jalaa ni jedhan:- warra nu gubbaa akka hin rakkifneef osoo Bakkuma keenya kanatti qaawa bishaan irraa waraabbannu baafannee, osoo warri gubbaa sana akka hojjatan isaan dhiisanii silaa doonin isaanuma hundaan bishaan keessa lixxe, yoo sana hojjachuu irraa isaan dhoorgan immoo isaan hundinuu nagaa bahan.
Abdullah bin Umar irraa odeeffame Rabbi isaan lamaan irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: "Tokkoon tokkoon keessan tiksee waan taataniif, waan tiksitan san irraa itti gaafatamummaa qabdan, Bulchaan ummataa tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Muslimni hunduu hawaasa keessatti itti gaafatamummaa kunuunsuu fi baachuu qabu akka qabu himan, Imaamni fi bulchaan waan Rabbi eegsise keessatti tikseedha, kanaaf seera isaanii eeguu, nama isaan cunqursu irraa isaan tiksuu, diina isaanitiin loluu fi haqa isaanii balleessuu dhabuutu isa irra jira, Namichi warra mana isaa keessatti waan isaan barbaachisu isaanif gochuu fi haala gaarin isaan waliin jiraachuu, isaan barsiisuu fi isaan adabuun itti gaafatamummaadha qaba, Dubartiinis mana abbaa warraa ishee keessatti mana isaa haala gaarin qabuu fi ijoollee isaa guddisuun itti gaafatamummaadha qabdi. Khaadimni gabra ta'ee fi namni qacaramee hojjetu qabeenya gooftaa isaa keessatti itti gaafatamummaadha qaba, isa irraa waan harka isaa keessa jiru jabeessuu fi tajaajiluudhaan, inni sana irraa itti gaafatamummaadha qaba. Namni hundinuu waan isa irratti tiksee godhame keessatti tikseedha, namni hundinuu waan tiksu irraa ni gaafatama.