





























Hadeeth Cards
Da'wa cards that highlight great meanings from the noble prophetic hadiths in a simple style and attractive display that helps the Muslim to have a deeper understanding of his religion in an easy way
All
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.
Ibn MaajahNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faana ilaallachuu irraa akeekkachiisan, isheen simbirroo ykn wantoota lubbuu qaban ykn namoota qaama miidhamtoota ykn lakkoofsa ykn goyyoota ykn waan biroo irraa ta'ee waan dhaga'amu ykn mul'atu hunda irraa faana ilaallachuudha, Simbirroo wanni dubbataniif inni warra jaahiliyyaa biratti beekamaa waan ta'eef jecha, Ka’umsi isaa gocha akka imalaa ykn daldalaa ykn wantoota biroo eegaluuf yeroo jedhan simbirroo oofuudha, simbirroo sun yoo gara mirgaatti balali'e gaariitti yaadee waan gochuu barbaade itti fufa, gara bitaatti yoo balali'e immoo waan hamatti yaadee gocha isaa irraa dhaabbata. Gochi kun shirkii akka ta'es himaniiru, faana ilaallachuun shirkii wanni ta'eef; kheyrii fidee hamtuu kan deebisu Rabbii tikkicha shariika hin qabne qofa waan ta'eef jecha. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- faana ilaallachuun yeroo tokko tokko qalbii Muslimaa keessatti akka argamu eereera, garuu sababowwan hojjachuu waliin Rabbirratti hirkachuun of irraa deebisuun akka isa irra jirus eereera.
Abdullaah bin Al-shikkiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Jiila warra Banii Aamiir waliin gara Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “Waan jettan, ykn waan dubbattan keessaa muraasa dubbadhaa, Sheeyxanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamin”.
Abu DawoodGareen tokko gara Nabiyyitti dhufanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo isaan bira gahan jechoota tokko tokkoo kan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin jaallanne isa faarsanii jedhan, Ni jedhan: “Ati gooftaa keenya”, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanin akkana jedhan: "Gooftaa Rabbiin qofa" Uumama Isaa irratti gooftummaa guutuu kan qabu Isuma qofa, uumamni hundi gabroota Isaati. Isaanis akkas jedhan: Ati "gama sadarkaatii irra caalaa keenya" gama kabajaatihis ati irra ol aanaa keenya. Ati “gama arjumaatii irra guddaa keenya” akkasumas ati gama kennaatii irra hedduu keenya. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haasaa isaanii kan barame akka dubbatan, jechoota hin jirre dubbachuuf akka hin rakkinnee fi gara daangaa darbuu shirkii fi wantoota shirkitti geessan irraa waan haraama ta'e keessa nama galchutti sheyxaanni akka isaan hin harkifne isaan qajeelchan.
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaalatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganama guyyaa Aqabaa haala gaala isaanii irratti ta'aniin akkana jedhan: "Dhagaa xixiqqaa akka cirrachaa naaf guuri" dhagaa torba xixiqqan isaanif guure, isaanis dhagaa xixiqqaa akka dhagaa quba lameenin darbataniiti, eegasii isaan(Rasuulli) dhagaalee sana harka isaanii keessatti raasaa akkana jedhan: "fakkaattota isaan kanaatiin darbadhaa", eegasii ni jedhan: "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha".
Ibn MaajahIbnu Abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- hajjii dhaammannaa keessatti guyyaa qalmaa ganama yeroo Jamraa al-aqabaa darbatan Nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka ture hima, Dhagaa xixiqqaa boolla itti darbatan ofii isaanitiif guurutti isa ajajan, innis dhagaa xixiqqaa torba isaanif guure, tokkon isii irraa ta'e hanga firii shunburaati, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isii harka ofii keessa kaa'aniiti isii sochoosanii akka jedhan: Fakkaataa isiitiin darbadhaa, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota amantii keessatti daangaa darbuu irraa akeekkacchiisanii, amantii keessatti daangaa darbuun ummatoota amma dura darban akka balleesse himan.
Al-Baraa irraa odeeffamee Rabbiin isa irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Ansaara warra madiinaa irraa ta'an jaallachuun mallattoo guutummina iimaanaa ta'uudha himan; kun waan isaan Islaamummaa fi Nabiyyiif-nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tumsuu keessatti nama hunda dursaniif jecha, akkasumas waan isaan muslimootaaf gaaddisa carraaqanii fi karaa Rabbii keessatti mqabeenya isaanitii fi lubbuu isaanii kennaniif jechaadha, akkasumas isaan jibbuun mallattoo munaafiqummaa akka ta’e himaniiru. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nama warra Ansaara jaallate Rabbiin akka isa jaallatuu fi nama isaan jibbe immoo Rabbiin akka isa jibbu ibsan.
Abbaa hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii isaanii jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaanii irratti haa buusu- ''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti akkana jechuudhan ibsan: namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo isa keessatti qunnamtii saalaa hin raawwatin, rafasa jechuun qunnamtii saalaatii fi adda duree isaa kan akka dhungoo fi walitti dhiheenya qaamaati, akkasuma jechi badaanis rafasa ni jedhama. Akkasuma namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo ajaja Rabbii hin faallessine, diliiwwanii fi badiiwwan hojjachuun, ajaja Rabbii faallessuu irraa dhoorgaawwan ihraamaa hojjachuudha, hajjii isaa irraa diliin isaa hundi haala isaaf dhiifameen deebi'a, akka daa'imni badiiwwan irraa qulqulluu ta'ee dhalatutti.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".
Al-Bukhari and MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaalee salaanni itti fayyaa taatuun keessaa xaaharaan (wuduu'a godhachuun/dhiqachuun) akka tokko ta'e ibsan, kanaafuu nama salaatuu barbaadu kan wanti wuduu’a balleessu irraa argame; kan akka sagaraa, yookaan fincaanii, yokaan hirriibaa, yokaan kan fakkaatan isa irratti wadda'achuun dirqama.
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".
An-Nasaa’iNabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti damee muka aadigaatii fi kan isa fakkaatuun ilkaan qulqulleeffachuun hafuura badaa fi xuriiwwan irraa afaan akka qulqulleessu himan. Akkasumas suwaakkatuun sababoowwan garbichi jaalala Rabbii ittiin argatu irraayi; waan isa keessa Rabbiin tole jechuu fi ajaja isaa fudhachuun jiruuf jecha, akkasumas waan qulqullinni Rabbiin ol ta'e jaallatu isa keessa jiruufi.
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".
MuslimNabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti salaatonni shanan kan guyyaa fi halkan keessatti dirqama godhamanii fi salaanni jumu'aa torbaan hunda salaatamuu fi woggaa hunda baatii Ramadaanaa soomuun ulaagaa badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuutiin badiiwwan xixiqqoo isaan gidduutti raawwatamte ni haqan jechuudha himan. Badiiwwan gurguddoon akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguuti, isiin tawbaan malee hin haqamtu.
Abdullaah ilma umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha".
Al-BukhariNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himan Dhugumatti firooma fufuu fi firatti tola ooluu keessatti namni guutuun nama toltuu toltuun deebisuu miti, Dhugumatti firooma fufaan kan firooma fuufuu keessatti guutuu ta'e isa yeroo firoomni isaa muramte isii fufuudha, yoo isatti balleessanillee; inni immoo isaanitti tola ooluun isaaniif deebisa.